Select your language
Afrikaans
Arabic
Basque
Bulgarian
Catalan
Chichewa
Chinese
Croatian
Czech
Danish
Dutch
English
Farsi
Fijian
Filipino
French
German
Greek
Hebrew
Italian
Japanese
Kinyarwanda
Kisongie
Korean
Lingala
Malagasy
Norwegian
Nuer (Sudan/South-Sudan)
Oromo
Polish
Portuguese
Romanian
Russian
Slovak
Somali
Spanish
Swahili
Swedish
Tshiluba (DR Congo)
Turkish
Welsh

Ddaandii Jireenyaa

Yesus ammas namootatti dubbatee, “Ani ifa biyya lafaa ti, namni ana duuka bu`u jireenyaa in qabaata malee, dukkana keessa hin adeemu” isaaniin jedhe. Yoh. 8:12

Yesus deebisee, “Karichi, dhugaan, jireenyis, ana; anaan yoo ta`e malee, eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu” jehde. Yoh. 14:6

Ati karaa jireenyatti nama geesu na barsiifta, guutummaan gammachuu fuula kee dura, wanti namatti tolus immoo bara hundumaattuu mirga kee jira. Far. 16:11

Karaan qajeelaa namatti fakkaatu jira, dhumni isaa garuu karaa du`aa ti. Fak. 14:12

Hafuuri koo wal qaqqabuu dadhabeera, ariifadhuu na jalaa owwaadhu, yaa Waaqayyo! Akka warra boollatti gad bu`anii akkan hin taanetti, fuula kee achi ana irraa hin qabatin! Ani waanan si amanadheef, ganama bariidhaan gaarummaan kee akka anatti dhaga`amu godhi! Lubbuun koo ol gara kee waan yaadduufis, karaa irra adeemuun anaaf ta`u ana beeksisi! Far. 143:7-8

Dubbiin kee miila kootiif ibsaa dha, daandii koo irrattis in ifa. Far. 119:105

Sabni lafa irraas baay`atanii in dhufu; Xiyyoon keessaa seerri, Yerusalem keessaas dubbiin Waaqayyoo waan ba` uuf, “Karaa isaa akka inni nu barsiisuuf, nus daandii isaa irra akka adeemnuuf, kottaa gara tulluu mana Qaqayyootti, gara mana Waaqayyoo isa kan Yaaqoobitti ol in baanaa!” in jedhu. Mik 4:2

Garaa kee guutuu Waaqayyoon amanadhu, hubannaa ofii keetiitti hin hirkatin! Karaa kee hundumaatti isa yaadi, innis daandii kee siif in qajeelcha. Fak. 3:5-6

Yommus ati nagaadhaan karaa kee irra in adeemta, miilli kees hin gufatu. Yommuu ciiftu hin sodaattu, yommuu raftus hirribni kee miyaa`aa in ta`a. Fak. 3:23-24

Bible Distributors, Fountain House, Conduit Mews, London SE18 7AP, England 2005 © Oromic