Ddaandii Jireenyaa


Yesus ammas namootatti dubbatee, “Ani ifa biyya lafaa ti, namni ana duuka bu`u jireenyaa in qabaata malee, dukkana keessa hin adeemu” isaaniin jedhe. Yoh. 8:12
Yesus deebisee, “Karichi, dhugaan, jireenyis, ana; anaan yoo ta`e malee, eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu” jehde. Yoh. 14:6
Ati karaa jireenyatti nama geesu na barsiifta, guutummaan gammachuu fuula kee dura, wanti namatti tolus immoo bara hundumaattuu mirga kee jira. Far. 16:11
Karaan qajeelaa namatti fakkaatu jira, dhumni isaa garuu karaa du`aa ti. Fak. 14:12
Hafuuri koo wal qaqqabuu dadhabeera, ariifadhuu na jalaa owwaadhu, yaa Waaqayyo! Akka warra boollatti gad bu`anii akkan hin taanetti, fuula kee achi ana irraa hin qabatin! Ani waanan si amanadheef, ganama bariidhaan gaarummaan kee akka anatti dhaga`amu godhi! Lubbuun koo ol gara kee waan yaadduufis, karaa irra adeemuun anaaf ta`u ana beeksisi! Far. 143:7-8
Dubbiin kee miila kootiif ibsaa dha, daandii koo irrattis in ifa. Far. 119:105
Sabni lafa irraas baay`atanii in dhufu; Xiyyoon keessaa seerri, Yerusalem keessaas dubbiin Waaqayyoo waan ba` uuf, “Karaa isaa akka inni nu barsiisuuf, nus daandii isaa irra akka adeemnuuf, kottaa gara tulluu mana Qaqayyootti, gara mana Waaqayyoo isa kan Yaaqoobitti ol in baanaa!” in jedhu. Mik 4:2
Garaa kee guutuu Waaqayyoon amanadhu, hubannaa ofii keetiitti hin hirkatin! Karaa kee hundumaatti isa yaadi, innis daandii kee siif in qajeelcha. Fak. 3:5-6
Yommus ati nagaadhaan karaa kee irra in adeemta, miilli kees hin gufatu. Yommuu ciiftu hin sodaattu, yommuu raftus hirribni kee miyaa`aa in ta`a. Fak. 3:23-24
Bible Distributors, Fountain House, Conduit Mews, London SE18 7AP, England 2005 © Oromic