Ni Beektaahii?


- Ati waaqayyootiin Uumamuu kee,
- Biyyittii lafaa kana keessatti yeroo dhalattee waaqayyo afuura jireenyaa sitti baafatee lubbuudhaan jiraataa ta'uu kee,
- Kanaafis ammas ta'e yeroo hundaa meeshaa Waaqayyoo ta'uu kee,
- Yeroo duutuutti, Waaqayyo amma guyyaa du' aa si kaasutti afuurri kee jiraataa ta'e turuusaa,
- Akkaataa kamiin iyyuu yoo duute yookis lafeen kee gara kamitti iyyuu yoo gatame Waaqayyo guyya tokko du'aa si kaasee bara jireenya kee hundaatti waan raawwatteef deebii akka itti laattu si gochuu isaa,
- Uumamni ati itti dhalatte Cubbuuf kan Saaxila bahe ta'uusaa fi kanas ammoo Uumamaan Addaam irraa dhaaluu kee,
- Sababa Cubbammaa Uumama keetii fi cubbuu dhuunfaa keetiin waaqayyoo wajjin diina taatee argamuu kee,
- Haala diinummaa keessa jirtuu kanaan teessoo murtii waaqayyoo duratti yoo dhiyaatte, murtiin isaa inni qulqulluun dheekkamsa guutuun akka si dhiphisu (Cinqu) Fuula Isaa duraas, bara baraaf akka dhabamtu,
- Fayyinni kee ijoo qabxiwwan kanarratti Waaqayyo kan jedhu hubachuudhaan akka xumuramu,
- Rabbi araara isaatiin, badhaadhaa (dureessaa) ta'uu isaa fi saboonni isaa akka badan waan hin jaalanneef jecha, hundumtuu gara qalbii jijjiirrannaatti akka dhufan barbaaduu isaa,
- Jaalatamaa ilma isaa Yesusiin gara biyya lafaatti kan erge jaalala Cubbamotaaf qabu akka nuuf ibsuu fi Yesus Cubbuu keenya irraa nu qulqulleessuuf, akka bannuuf osoo hin taane jireenya bara baraa akka qabaannuuf ta'uusaa,
- Yesus Yeroo dhufetti miskiinotaaf (hiyyeessotaaf) missiraachoo lallabuusaa, dhukkubsatoota fayyisuusaa, qara dhabdootaaf ija banuusaa, warra du'an kaasuusaa kana hundumaa raawwatee osoo jiruu Yihuudo nni fi hoggannonni Roomaa isa Fannisuu isaanii,
- Cubbuun kan irra hin jirre tokkichi Yesus fannoorratti dabarsamee kennamuu qofaa osoo hin ta'iin waaqayyoo biratti akka cubbamaatti kan lakkaa'ame ta'uusaa, kunis nuhi warra amannuuf Karaa Isaatiin Waaqayyo biratti qulqulaa'uu keenya,
- Waaqayyoo (Rabbi) Yesusiin du'aa kaasee mootummaa waaqaatti harka mirga isaatti akka isa ulfeessee fi biyya lafaarrattii dursaa mootii (mootii moototaa) isa gochuusaa,
- Yesusitti kan amananiif Waaqayyo cubbuu keessani fi daddarbaa keessan, kanaa booda hin yaadadhu jechuusaa,
- Yesus deebi'ee akka dhufu yeroo duraaf amantoota lubbuudhaan jiranis ta'e warra du'an hundaaf gara mana jireenya barabaraa nuu qopheessetti akka nu fudhatu, sadarkaa lammaffaatti immoo biyyatti lafaa kanarra kan jiran hundumaa waaqayyoof dhiyeessuudhaan dinoota isaa murtiidhaaf akka dhiyeessu,
- Amma Yesus Kiristosii fi abbaa isa ergetti kan amanu akkuma isaa qaama eebbifame akka isaaniif kennuu fi isaa wajjin samiirrattis, lafarrattis akka mo'an,
- Sagalee waaqayyoo yoo Fudhatte mootummaasaatti dhaaltummaa akka argattu, garuu yoo tuffatte akka si dhiisu teessoosaa duratti wayitii dhaabbattutti tokkollee kan si araarsu ykn jiddugaleessa kan sii tahu homaa akka hin qabaanne,
- Gooftaan Yesus, "isin yaa dadhaboota ba'aan kan isinitti ulfaate hundinuu gara kootti Koottaa, anis isinin boqochiisa, Gara kootti kan dhufe yoom iyyuu gara alaatti isa hin baasu" akka jedhe.
- Waaqayyoo "Yeroon murteeffame amma dha, guyyaan fayyinaas amma dha" akka jedhuu fi waa'ee booriif abdii akka hin galle,
- Dhugumatti isa dubbisuuf (dubbisaan) sagalee Rabbi fudhachuun sirri qofaa otuu hin taane gamnummaas ta'uusaa akkasis gochuudhaan isa bade barbaaduu fi fayyisuuf abbaa isaa biraa isa dhufe ilma waaqayyoo Yesusiin Fudhachuu,
- Kiristos amantidhaan laphee keessa yeroo jiraatu, nagaa sammuu keenya guutuun, sodaa biyya lafaa kanatti facaafamee (tamsa'e) hundaa ol kan godhu abdiifi du'aan ol kan ta'e jaalala isaa, isa guddaan akka guutu, Kunnis gara Fuulduratti fuula Waaqayyoo duratti amanaadhaan, Shakkii malee godhee gammachuu irra guddaadhaaf akka isa dhiyeessu, ni beektaa?
iop iop , iop iop
Himoota armaan olii hundaaf, guca kan ta'an kutaa macaafa qulqulluu keessaa:
- Uma 2:7
- Iyo 33:4
- Lal 12:1; Far 100:3
- Lal 12:7; Far 16:10
- Yoh 5:28, 29; Mul 20:12-13
- Rom 5:12; Far 51:5
- Qol 1:21
- Mul 20:13-15
- Rom 16:25-27
- Efe 2:4; 2 Phe 3:9
- Yoh 3:16
- Mat 4:23-24; 27:20-54
- Luq 22:51-53; 2 Qor 5:21
- Hoe 2:32-36; Efe 1:19-23
- Ibr 8:12
- 1 Tas 4:15-17; Mul 11:15-18
- Rom 8:16-17
- Rom 1:16-18; 2 Qor 10:6
- Mat 11:28; Yoh 6:27
- 2 Qor 6:2
- Fak 9:10; Luq 19:10
- Filp 4:7; Tit 2:13; Yih 24-25
Yoo barreeffamni "ni beektaahii" jedhu kun si gargaareera ta'e, teessoo keenyaan nuu katabi.
[ ] I would like to receive a free copy of the New Testament and a Bible Correspondence Course in English.
[ ] I can read English and am interested in learning more about the truth of Biblical Christianity.
[ ] Please send me
___ copies of this tract in ___ Oromo
___ copies of this tract in ___ Amharic
for prayerful distribution to my friends.
Name ................
.....................
Address ................
.....................
....................
.......... Country ......
Please return to:
Bible Distributors
Fountain House, Conduit Mews
London, SE18 7AP, UK
Chapter Two
[D Y K? / by G A Lucas] Afan Oromo - Ethiopia/Kenya
№ 2 / 2003